Turizimii Aanichaa

Gaara Qundhudhoo fi Fardiidoo Gaara Qundhudhoo

Gaarri Qundhudhoo fi Far-Diidoon  gaara qundhudhoo kan argaman , Go/Ha/Bahaa  Aanaa       Gursum    keessatti yoo tahu, magaalaa Aanichaa guddoo irraa fageenya km 20 irratti argama.

  • Gaara uumama tahee ,haalli teessuma isaa fi olka’insa fageenya   M 2959 tti kan argamu yoo tahu ,dhuma fiinxa isaa irratti , qeerran  akka geengootti kan marsamee dha.  Qeera kanaa olitti dirree baldhinni isii iskuweer kaareemetira 10-80/hek.  ykn dirree kubbaa  hammayaa dachaa  18   geettutu argama.  Yoo irraa deeman akka firaashaa namatti toltu, harkaan dhahan sagalee 
  • Dirree kanarra dhaabbatanii kallattii kamittuu yoo dawwannaaf ilaalan, waacufaayyuu ol ykn dalga laaluun hafee ofii gaditti ilaalan. 

Haalli qilleensa isaa qorraa yoo ta’u, bubbee hedduu qaama namaa bashannansiistuu fi bashannana birootifis tan mijjooftuu dha.

Qeera gaaraatii gaditti mukkeen uumama baay’inaan kan argaman yoo tahu, shimbirrootaa fi allattii gosa kana  dayoo godhatanii jiraatan.

Bineensota adda addaa fi  keessaayyuu , qeerransi baay’inaan ni argama.

Faradoon yeroo ammaa gaaruma kana gubbaatti deebi’anii kunuunsa barbaachisaa taasifameefi   manni jireenya isaani fi waardiyyaan mindeeffamee eegumsi godhamaa jira . Haala mijjaawaa uumamef kanaan lakkoofsi isaaniitis wal hormaataan dabaluu eegalee jira.

Gaarri qundhudhoo, qeeraan marfamuu irraa kan ka’ee , dirree gubbaa  irratti ol bahuuf karaa loonii  tokkoo fi karaa miilaa ykn  namaa lama qofaan seenama.

  • Daandiin konkolaataa kallattii lamaan km 18 kan nama dhiheessu yoo tahu, isaanis magaalaa Aanaa irraa Fu/ujubaa keessa bayee, Aanaa Jaarsoo ,badhaadha, achiirraa  miilaan  km 2 oluu deemuu yoo ta’u, inni lammata ammo  Fu/Biraa irraa gara Saqaree kan  deemuun  km 18 deemamee,  miilaan km 2 gaara daawwachuuf  ol bahuun kan danda’amu dha.

Holqa Oromoo

Godni Oromoo goda uumamaa yoo tahu, kan inni argamu,  H/Bahaa Aanaa Gursum  araddaa Biyyoo Nagayaa  keessatti yoo tahu ,magaalaa guddoo aanichaa irraa fageenya km 13 irratti argama.  Magaalaa lammaffaa aanichaa tan taatee , magaalaa  Fu/hujubaa irraa km 1  qofa  fagaatee, daandii aanaa Gursum irraa gara Jaarsoo ,magaalaa Ejeersa gooroo  deemu  qarqara moggaa irratti argama.  Iddoon holqi kun itti argamuus , gaara qundhudhoo gama lixaatin ta’ee  hirkata isaa jalatti  argama.   Kallattiin uumama goda kanaa , keessoo gaara qundhudhoo gama bahaa irraa  gama lixaatti , kan umameedha.

Seennaan isaa ,  duriif bal’a  ta’ullee ummanni naannoo sanaa akka dhakaan dhiphisan himama.

Keessoo  keessa isaa ilaalchisee  kutaalee hedduun qoqoodamaa  kan deemu ta’ee  tokkorraa  tokkotti  darbuuf miilaan deemaa , fooddaa  keessa hulluuqaa , yeroo roobaa yoo ta’e , daakaa  qaxxaamuru  .  Tokko tokkoon  gidaara kutaa kanneenii dhagaalee  halluu uumamaan ija namaa hawwatan  dawwiif  namatti tolan  adda addaatin  kan faayaman  yommuu ta’an , dhakoonni kunniin  amala  gubbaa  gadi  biqilaa deemuu , boca muchaa ta’ee ,  qaawa  isaanii  keessan  jiidha kan  gadi cobsanii dha. Dhakaa  boca killee  fakkaatu  fi lubbu qabeeyyii  keessaayis  waan miila  8 qabu ykn kittaantuu   jedhamtu  as keessatti  ni argamti.

Goda qorattoonni /spelologistoonni biyya Faransaayi fi Itaaliitin  kan sakatta’amanii  fi  dhuma goda kana kan biraa hin  gayamin  yoo ta’u , hanga fageenya km 2  qoratanii bifa  suuraa kaameeraatin   deeggaramee  intarneeta  irrattis gad lakkifamee  jira.  Godni kun akka   itoophiyaatti sadarkaa 3ffaa  akka Afrikatti  5ffaa dha.

Dhakaa Sadeen Walirra Taa’u

Idoo Hawwata turiizimii uumamaan aanaan keenya qabdu keessaa inni tokko dhakaa sadeen walirra taa’an  yoomu ta’u iddoon dhakoonni baayee hawwatoo ta’an kun itti argamanis  araddaa Ibsaa keessa.Iddoon kun magaalaa Fu/Biraa irraa ,gara kibbaati fageenya km =5 irratti argama.aanaan keenya qabeenya haala umama adda addaa hawwatoo ta’an baayyinaan ni argamu.

Dhakaa Ba’ataa

Dhakaan ba’ataan araddaa Bunaa ganda Agoo keessatti kan argamu yoo ta’u ,magaalaa Fu/Biraa irraa  Km  8 irratti argama.Hawwatummaan isaa dhakaa uumamaan Rabbiin tolchee wal jalaa gubbaan kaayee dandeettii isaa ittiin  xiinxallinuuf faayee uumee dha.Dhakaan jalaa dheeraa fi guddaa ,kan gubbaa ammoo guddu-galeessa ta’uu isaati.

Dhakaa Kitaabaa

Dhakaan kitaabaa araddaa Bunaa ganda Agoo keessatti kan argamu yoo ta’u ,magaalaa Fu/Biraa irraa Km 8 irratti argama.Hawwatummaan isaa Wal-makoo yoo ta’u , kana jachuun dhakaa uumamaa irratti barruu Afaan Arabiitin halluu gurraacha fayyadamuun jecha  ’’ Laa ilaa haa ii lla llaah ’’ jadhu kan barraawe ta’ee, umrii dheertuu waggaa 1200 ol ta’uu isaa kan tilmaamamuu dha.

Goda Roorrisoo

Godni kun H/Bahaa Aanaa Gursum , araddaa  Ibsaa  keessatti argama, magaalaa guddoo aanichaa irraa gara kibbaati   km 5 fagaatee argama.

 Goda Roorrisoo  goda uumamaa ta’ee, goda barreeffamoota durii, suuraalee  adda addaa dhibbaa lamaa fi shantam  (250) ol kan ta’u irratti kaafamee qabuu fi  dibama halluu   durii /ancient  painting / keessaa qabuu dha. Gosonni suraalee ykn fakkii dhakaa kana irratti kaafamanii sirritti muldhatan, baayinni isaani dhibba lama 250 ol kan ta’antu argama .Akka qorattootni barreffama durii qoratan ibsanitti suraaleen kun bara seenaa duraa /pre-history painting/kan kaafaman  ta’u isaa ifatti kaayani jiru.

Allaattii Lamargar /Abbaa Kooddaa/

Gosti Shinbiroo kanaa akka biyyaatti shanyiin isaa baayee muraasa. Biyya keenyatti lafa baddaa olka’iinsa guddaa qabu irraitti jireenya isaatiif waan mijjaawaa ta’eef iddoolee kanatti daangeffamee jiraata.Godina Harargee Bahaatti gaara Qunduddo fi Gaara Mulataa qofatti argama.Allaattiin kun yeroo  ammaa aanaa keenyatti  gaara  Qunduddorrati argama. Allaattiin kun foon sorattoo/carnivour/jalatti ramadama.Guddina qaamaatin shinbiroota biroorraa adda,akkuma  gudina qaamaatti humni isaatis baayyee cimaa dha.Yeroo sorata barbaadaaf ka’u jalqaba lafa olkaatuu ykn muka dheerina qabu irra qubate fageenya hanga km 45 wantoota sorata isaatif oolan fkn bofa gurguddaa,ilmoolee holaa fi re’ee akkasumaas qoccaa ulfina giddu galeessaa qaban  hunda halaalaa argee fuudhee nyaachuu danddettii qaba.

Masgiida Owu – Kabaa

Masgiidni kun kan inni argamu , H/Bahaa  Aanaa Gursum   , araddaa odaa oromiyaa  keessatti yoo ta’u, magaalaa guddoo aanichaa irraa km 10 fagaatee argama.  Daandiin konkolaataa   km 1 biraan nama gayu  ni jiraata. Masgiidni kun  akka namoonni  naannawa sanaa jedhanitti , raabbitu  uumee , halkan uumamee buleetuma  ganama  hirribaarraa yoo ka’an arganii jedhanii jedhama.Umriin isaa baayee dheeraa gara waggaa 1000(kama tokko) ol akka ta’ee abbootiin  seenaa masgiida kanaa beeku baldhinaan ni dubbatu.

Maqaan moggaasa isaatis kan baay’eef ,ganama bariisanii  guyyaa makkaa keessatti ka’ibaa dhaqanii  hajji godhan waan ta’eef  ilmaa fi abbaa hajjiif deeman   , dadhabanii   muka  jala qubatanii bulanii , achumatti rabbi niyyaa ykn yaada isaan hajjiif deemaniif  guutee fi ganama subii masgiida ofiirratti arganii jedhama.  Achumaan masgiida  owu-ka’ibaa jedhamee   jedhama.

Jaarri kun lameen achumatti qubatanii jireenya ofiitis achuma godhatantu hime.  Umriidheerinarraa kan ka’e abboottii hedduu irraa akka dhageettimaan  as baran  malee, yeroo kana  jechuun hin danda’amu  jedhan.  Yeroo ammaa , harki suphaa namaa orijinality  isaa gadhisee jira.Qubbiin lamaas achuma cinaatti argaman.

Masgiida Shek -Aadam Goobaa

Masgiidni kun kan inni argamu , H/Bahaa  Aanaa Gursum   , araddaa Goobaa keessatti yoo ta’u, magaalaa guddoo aanichaa irraa km 18 fagaatee argama.  Daandiin konkolaataa   km 1 biraan nama gayu  ni jira. Masgiidni kun nam-tolchee ta’ee , umrii  dheeraa lakkoofsisuu  bira dabree , haalli qaroomina jaarmaya isaa , horofaa fi dhakaa irraa tolfamee, umrii dheeraa  waggaa 750  kan  lakkoofsisaa, mana amantii Islaamaa ,salaata yeroo jalqabaa sheek Aadam Goobaatin  itti eegalchiifameedha.   Minaaraan  isaa , masgiidaa gama keessaatin   seenamee qal’atee  kan ol bayu  yoo ta’u, gubbaa  minaaraa irratti fooddaa  halaalatti  diina ofirraa  ittiin  eeggatan qaba .

 Moraa masgiidaa kana cinatti galmi hadraa itti  bulfamu /yeroo  moolidaa   jechuudha/ ammas kan jiru yoo ta’u ,  meeshaaleen aadaa oromoo kan akka gaawwaa, dibbee  fi muka dibbee , siree gogaa loonii irraa tolfame arma keessa   argamu . 

Qubbiin lamaas achuma  masgiida   cinatti argamu. Godni ajawaa kan uumamaa , baay’ee bal’aa ta’ee fi shimbirroota halkanii miiliyoonaan  lakkaawamu qabullee asuma masgiida kana irraa metira 50 gad hiqee  argama. 

Akka Sheek Aadam   jedhanitti , ummanni baay’ee keessa deeman ni  miidhama jedhanii   dhoorkaa turan jedhan.  Godni kun   gama qundhudhootti lafa jalaan ol ka’aa deemuu dha.

Masgiida Ganda Agoo /Araddaa Bunaa/

Masgiidni kun kan inni argamu ,God/Ha/Bahaa  Aanaa Gursum   , araddaa Bunaa  keessatti yoo ta’u, magaalaa guddoo aanichaa irraa km 8 fagaatee argama

Masgiidni kun  Araddaa Bunaa, ganda  Agoo  keessatti argama.  Umriin dheeraa waggaa kumaa (1000) olitti  tilmaamu lakkoofsisuu isaa  barreeffamni  lakkoofsa arabaa yeroo sanatti amantaa  Islaamaa  babal’isuuf   deeman  hula Masgiidichaa  irratti  barreessan  kan  eeruu  ta’uufi  manguddoonnis  kanuma  ragaa  afaanii  nuuf kennanii jiran.

Zamana  dheeraaf  itti  sagadamaa ture. Garuu yeroo ammaa itti  hin sagadamu.  Sababa  qabriin  bira jirtuuf  dhiifama deeme.

Haalli  ammaa  innii irratti argamu, saraaraan caccabee, gidaara  qofaatu  bakkattoorra jira.

Masgiidni kun  dafee yoo suphamuu  baate,  baduuf dhiyaatee  jira.  Baldhinni  isaa  meetira jaha (6), dheerinni  meetira saddeett (8)  ni ta’a  dhakaa fi  horofaa qofarraa dalagame.