Ergaa Hogganaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum

Waajjiri Maallaqaa Aanaa Gursum seektaroota hangafoota Aanaan Gursum qabdu keessa issa tokko yoo ta’u Bu’uura Labsii Mootummaa Caffee Oromiyaa kan Lakk.199/2008tti tumamee baheen, Biiroo Maallaqaa aangoo fi gaheen hojiiwwan Labsiidhaan kennameef Raawwachaa jijjirama Aanichaa keessatti gahee adda durumaa ciminaan bahachaa kan ture yoo tahu yeroo ammaas kallatti hundaan jijjiramoota ykn raawwii hunda galeessa Aanichaa keessatti galmaa’a jiraniif gahee isaa miiraa olaanaadhaan bahacha jira. Waajjiri Maallaqaa Aanaa Gursum hojiiwan kallatti hundaan raawwatamaa jiranii fi Raawwii hojii foya’aa galma’aa deeman hundumaa teeknooloojiidhaan deeggaraa deemudhaan galmagahinsi isaa yeroo tokkotti qaamma hawaasa hunda biraan gahudhaaf gara dijitaalaazeshiniitti gudisuudhaaf hojii egalame cimsinee kan itti fufsifnu taha. Walumaagalatti WMAG Raawwii hojii isaa qindeesudhaan karaa websaayitii waajjira keenyaatti waan isiin biraan genyuuf gamanumaan nu hordofaa akka nu cinaa dhaabbatan kabajaa fi ulffina cimaadhaan isiin afeeree jira.
Fardeen diidaa Gaara Qundhudhoo
Piroojaktoota Misoomaa Hojjataman
Piroojaktoota Misoomaa Bara 2016 Baajata Aanichaatin Hojataman





Baayina Hojataa
0