Tajaajiloota
Angoo fi gahee waajjirichaa
- Karoora fizikaalaa fi karoora bajataa Seektaroota qindeesuu, Ramaddii baajataa gageesuu mana mariittii mirkanesiisee labsee akka hojirra oluu taasiisuu .
- Facaattii baajata Idilee fi kaapitaalaa Sektarota qindeesee qopheesuun IBXtii galchee gaafiin ragaa qabatamaa irrattii hundaa’e yammuu dhiyaatu baasii raawwachaa akka hojii irra oluu godhuu.
- Karooraa fi raawwii WM ji’a ji’aan kan Seektaroota kurmaana kurmaanaan madaalaa deemuu fi feed baakii keenuu.
- Ijaarsa Projektoota Aanaa keessattii gaggeeffamaa jiran buleeyyii fi haarayattii adda baasuun, raawwii isaanii madaalee gabaasa qopheesee qaama ilaalatu hundaaf erguu.
- Ragaalee hawwaasa dinagdee Aanaa ragaalee Abstrakttii Hawaasa dinagde Aanichaa qopheesee qindeesee qaama ilaaluf erguu.
- Mindaan Hojjattoota dhaabbii fi Kontiraataa Seektaroota hundaa karaa baankiitiin akka kafalamu
- Qoranaa gabaa raawachuun Caalbaasii baasuun qindeessuun bittaa Seektarootaa raawwachuu.
- Buusiin sooramaa hojatootaa ji’a ji’aan sasaabun gara ilaalatutti erguu.
- Maallaqa fandiiwwan adda addaa irraa ergaman dhiimma barbaadamuf seera faayinaansii egatanii akka olan tasiisuu.
- Xinxaala Odiittii bufataalee fayyaa fi dhaabbile mootummaa galii keessa qaban irratti gaggeessun galii sasabuu fi itti fayadama herregaa irratti sirrefama fi deegarsa Ogummaa kennuu.
- Lakkofsii maallaqa callaa ji’a ji’aan fi madaallii herrega Waajjira irratti kan gaggeesuu
- Xinxalii Odiitti maneen barnoota keessattiis firriin Odiitii gageesuu.
- Madaaliin bittaa meeshaa yeroo yeroon gaggeesuu.
- Ragaan hojatoota gosa barnootaatiin sadarkaa barnootatiin fi saalaan addaan bahee tauu.
- Itti fayadama biroo WM haala ‘’JBAH’’ fi qajeelfama SSBG tiin qopheessuun haala barbaadamen hojii irra oluu .
- Hojjetaan mootummaa fi hawaasni magaalaf baadiyaa Aanaa Gursum keessa jiru hundi sagantaa iftominaa fi gaafatamumaa faayinaansii (FTA) karaa adda addaa leenjii hubannoo kennamaa ture daran cimsuun qophii karooraa fi itti hubannoo gahaa akka argatan taasisuu
- Baajeta mootimmaa mindaa kapitala fi hojii odemsisaa baaxii baajetan olirraa ergamuu fi madda galii biratti irraa fi toofitalee ibsa hubanoo gabatee beeksisaa leenjii wajiintepiletoota fi birosherii adda addaa qopheessuun fayidaa fibu’aa argamee hawwasinii akka hubatuu gochuu
- Baajata hojii adeemsiisaa, mindaa, Kaapitaalaa fi fundiiwwan adda addaa karooraa fi Raawwiin isaanii ji’a ji’aan madaalamaa gabaasnii herregaa qophaa’ee Godinaaf kan ergamuu.